Icciitii miliqxee baate, xalayaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa miidiyaalee mootummaaf barreesse
Mudde 9, 2021)
Xalayaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa, miidiyaalee mootummaaf Sadaasa 29, 2014 (Mudde 8, 2021) barreesseen addatti kan ESAT'f barreeffame icciitiin miliqxee baate gara Afaan Oromootti yommuu hiikamu akkana jetti:-
"Televeejinii Saatelaayitii Itoophiyaa (ESAT)'f
[Finfinnee]
Dhimmi isaa:- Gabaasa Oduu Injifannoo Irratti of Eeggannoon Akka Godhamu Waamicha Dhiyeessuu
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan Itoophiyaa kaaba biyyattiitti geggeessaa jiruun miidiyaan keessan mootummaa bira dhaabbachuun, bifa qindaawaa fi ifa taheen gabaasa hojjechuudhaan akka ummanni dammaqinaan duula birmadummaatti akka hirmaatu, akkasumas sagantaa galii walitti qabuu qopheessuun RIB deeggaraa waan jirtaniif galanni keessan guddaadha.
Boqonnaa amma keessa jiruun ammoo gabaasaaleen oduu osoo gurra ummataa hin dhaqqabiin dursa of eeggannoo caalu kan barbaadu, sirriitti laalamuu fi qoratamuu kan qabu dha. Lola karaa kaabaatiin alatti, keessattuu Oromiyaa keessatti lola [Waraanna Bilisummaa Oromoo] taasifamuun wal qabatee waan mootummaan baasurratti gabaasa dabalataa tokkollee akka hin hojjenne isin akeekkachiisuu barbaadna. Akeekkachiisni kun bilisummaa miidiyaalee dhiibuu osoo hin taane, Oromiyaa keessatti bakkoota [Waraanna Bilisummaa Oromoo] dhaan to'atamanii turan osoo ummataaf hin ibsiin oppireeshinii dhoksaadhaan gadhiisisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru waan taheef, yoo mootummaan bakkoota kana gadhiisise, bakkoonni kun gadhiifaman jedhanii gabaasuun bakkoonni kun duraan [Waraanna Bilisummaa Oromoo] dhaan qabamanii turuuf beekamtii akka kennuutti lakkaawama.
Kanaafuu isinirraa wanti eegamu, deeggartoota [Waraanna Bilisummaa Oromoo] abdii murachiisuu akka tahetti hubattanii, [Waraanna Bilisummaa Oromoo]n yeroo dheeraaf lolee ganda/qabalee tokkollee akka tohatee hin beekneetti irra deddeebii dhaan gabaasuu fi ummata fayyaaleyyii ajjeechaa jumlaa akka raawwataa jirutti bal'inaa gabaasuu qabdan.
Yeroo Itoophiyaan yeroo fiinxarra geessee jirtuu fi haala yaachisaa kana kana keessatti abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa dhaabbata miidiyaa keessaniif waamicha godhe kana akkuma duraaniitti karaa gaarummaatiin hubattanii akka gargaartan gaafanna.
Nagaa waliin
Yoonaattan Tasfaayee
Itti aanaa dura taa'aa dhaabbatichaa."
Hubachiisa: jechoonni fi gabaajeewwan hammattuu guddaa keessa kaa'aman jechoota isaan arrabsoof ykn karaa dogoggoraa fayyadaman isa sirriitiin bakka buufameeti malee kan isaan afaan Amaaraa keessatti fayyadaman miti. Icciitii miliqxee baate, xalayaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa miidiyaalee mootummaaf barreesse
No comments:
Post a Comment